Fana: At a Speed of Life!

Yuukreen ujummoo boba’aa Raashiyaa gara Awurooppaa geessu adda kutte

Finfinnee, Mudde 23, 2017 (FMC) – Yuukreen ujummoo boba’aa Raashiyaa gara biyyoota Awurooppaa geessu adda kutuu gabaafame.

Dhiyeessii gaazii Raashiyaa karaa Yuukreeniin biyyoota Gamtaa Awurooppaatiif darbu, waliigalteen waggoota shaniif dhaabbata geejjibaa boba’aaYuukreen Naaftoogaaz fi Gaazpiroom Raashiyaa gidduutti ture xumuramuu ibsameera.

Pireezidaantiin Yuukreen Volodymiir Zelenskiin kanaan dura biyyisaanii Raashiyaan ”dhiiga keenya irraa biiliyoona dabalataa akka argattu” akka hin hayyamne ibsuun, Gamtaan Awurooppaa akka qophaa’uuf yeroo waggaa tokkoo kennanii turan.

Dhiyeessii karaa Yuukreeniin darbu dhaabbachuunsaa barri boba’aa Raashiyaa gatii gadaanaa Gamtaa Awurooppaa dhaqaa ture kan dhaabsiisuudha.

Raashiyaan gabaa barbaachisaa kan dhabdu yoo ta’u, Pireezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin garuu biyyoota Gamtaa Awurooppaatu caalmaatti miidhama jedhan.

Gamtaan Awurooppaa erga Raashiyaan bara 2022tti Yukireen irratti weerara guutuu jalqabdee asitti boba’aa Raashiyaa irraa bituu haalaan hir’isuu eerameera.

Raashiyaan Boba’aa gara biyyoota Awurooppatti ergiturraa waggaan galii Yuuroo biiliyoona 5 kan argattu ta’uu BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.