Fana: At a Speed of Life!

Yuukreen riqicha tarsiimoo Raashiyaa barbadeessite

Finfinnee, Hagayya 13, 2016 (FBC) – Yuukreen imala gara Raashiyaatti taasiiftu itti fufuun riqicha tarsiimoo Raashiyaa 2ffaa barbadeessuu beeksifte.

waraanni Yuukreen Riqicha Laga Seeyim irratti haleellaa waayita raawwatu suuraan agarsiisu mul’ateera.

Waraanni bulchiinsa Kursikitti taasiifamaa jiru weerara Raashiyaa qolachuuf naannawaa walabaa uumuu kan giddu galeeffate ta’uu Pireezidaantiin Yuukreen Voolodimiir Zelaniskiin kaayyoo imalichaa ilaalchisee ibsa kennaniin himaniiru.

Erga biyyoota lamaan gidduutti waraanni eegalee haleellaan Yuukreen kaleessa raawwatte isa olaanaa ta’uu ibsameera.

Torbee darbe dhiheenya magaalaa Giluushikkoovootti Riqicha Laga Seeyim diiguun ishee ni yaadatama.

Kireemliin Riqicha kana loltoota irra imalchiisaa turuu ishee BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.