Fana: At a Speed of Life!

Yuukreen jiraattoonni magaalaa Pookrooviskii magaalicha gadi lakkisaanii akka bahan ajejje

Finfinnee, Hagayya 14, 2016 (FBC) – Raashiyaan tarkaanfii duub deebii fudhachaa jirtuun Magaalaa Pookrooviskiitti imalaa jiraachuu hordofee Yuukreen jiraattoonni magaalicha gadi lakkisaanii akka bahan ajejuu ibsameera.

Yuukreen torbee dura bulchiinsa Raashiyaa seenuun kan yaadatamuudha.

Yuukreen daangaa Raashiyaa cabsitee seenuu ishee Raashiyaanis amantee turte.

Yaa ta’uutii Raashiyaan yeroo ammaa tarkaanfii duub deebii fudhachaa jirtuun Jiraattoonni magaalaa Pookrooviskii magaalicha gadi lakkisanii akka bahan Yuukreen hubachiifteerti.

Loltoonni Raashiyaan gara magaalichaatti saffisaan imalaa jiraachuu aanga’oonni naannawichaa ibsaniiru.

Sababa kanaan har’aa eegalee jiraattoonni magaalaa Pookrooviskii naannawicha gadi lakkisanii akka bahan ajejamuu Al Jazeera gabaaseera.

Magaalaan Pookrooviskii bakka dahannaa raayyaa Ittisaa fi Naannawaa Doonetisikiitti giddugala loojistiksii Yuukreen ta’uu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.