Fana: At a Speed of Life!

Yuukreen irraa haala itti midhaan nyaataa gabaa addunyaaf dhiyeessuun danda’amurratti waliigalame

Finfinnee, Adoolessa 7, 2014 (FBC)- Aanga’oonni Raashiyaa, Yuukreen,Turkii fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Yuukreen irraa haala itti midhaan nyaataa gama Galaana Gurraachaan gabaa addunyaaf dhiyeessuun danda’amurratti waliigaluu gabaafame.

Ministirri Ministera Ittisaa Turkii Huuluusii Akaar akka ibsanitti anga’oonni biyyoota Raashiyaa Yuukreeniifi Turkii akkasumas Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Giddugala Qindeessa Daldala Alaa hundeessuufi daldala alaa midhaanii Yuukreen dhaabbatee ture eegalchiisuurratti waliigalteerra ga’ameera.

Turki gama qindeessuun kan isheerraa eegamu hunda kan ba’attu ta’uu fi qaamoleen hundi torban itti aanutti irra debiin wal arguun waliigalticha kan mallatteessan ta’uu beeksisaniiru.

Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez gamasaaniin, waliigaltichi daldala alaa midhaan nyaataa Yuukreen irra deebiin eegalchiisuuf tarkaanfii murteessaa ta’uu eeruun, adeemsi gaariin kun duubatti akka hin deebineef hojii dabalataa hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsuu isaanii CGTN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.