Fana: At a Speed of Life!

Yuukireen Raashiyaarratti haleellaa yoo bante deebiin isaa hammaataadha-Dimiitirii Meedveedeev

Finfinnee, Adoolessa 11, 2014 (FBC) –Pirezidaantiin duraanii Raashiyaa Dimitirii Meedveedeev Yuukireen Raashiyaarratti haleellaa yoo bantee deebiin isaa hammaataadha jechuun akeekkachiisan.

Dimiitirii Meedveedeev, aanga’ooni Yuukireen tokko tokko Raashiyaa sodaachisuuf miidiyaaleen ba’anii ibsa wayitaa kennaan akka taajjaban eeruun, boodarra bakka dhokannaa waan dhabaniif gochaan isaanii balaa hamaataa akka hordofsiisuuf dubbachuu isaanii RT’n gabaaseera.

Bara Faranjootaa 2008 hanga 2012tti kan Raashiyaa gaggeessanii fi yeoo ammaa Ittaana Dura Taa’aan Mana Maree Nageenyaa Biyyattii Dimitirii Meedveedeev kana kan jedhan, Dubbi Himaan Kutaa Hojiilee Nageenyaa Ministira Ittisaa Yuukireen Vaadiim Iskiibiitsikii, dooniiwwan waraanaa Raashiyaa Kireemiyaa garba gurraacharratti argaman nageenyaa keenyaaf waan sodaachisaniif rookeettiiwwan Ameerikaatti Oomishamaniin rukunnaa jechuun erga akeekkachisanii as ta’uu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.