Fana: At a Speed of Life!

Yuukireen giddugala Niwukilaaraa yoo haleelte deebii hammaataan akka eeggatuun Raashiyaan akeekkachiiste

Finfinnee, Hagayya 12, 2016 (FBC)- Yuukireen Giddugala Maddaa Humna Niwukilaaraa Kuursiik yoo haleelte deebii haaloo bahiinsaa hammaataan akka eeggatuun Ministeerri Ittisaa Raashiyaan akeekkachiiseera.

Yuukireen guyyoota muraasaan dura daangaa Raashiyaa ce’uun haleellaa raawwachaa jiraachuu fi Bulchiinsa Kursiikitti waranaa gaggeessituun irra aanaa jiraachuun gabaafameera.

Ministeerri Ittisaa Raashiyaa ibsa kenneen, biyyoota lameen gidduutti waraana hammaataa dhufeen Yuukireen Buufata Niwukilaraa Kursiik haleeluuf karoorfachuu ishee beekiseera.

Yuukireen giddugalicha haleellaan deebii haaloo bahannaa hammaataan Raashiyaarraa akka eeggatuun akeekkachiisuu RT’n gabaaseera.

Dubbii barbaachi Yuukireen, Raashiyaa itti gaafatamtuu taasisuuf yaaddee ta’uu ministeerichi akeekeera.

Buufaticha niwukilaraarratti haleellaan raawwannaan balaan carallaa fi niwukilaraa Awurooppaa guutuutti mudachuu malaan yaaddoo uumeera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.