Fana: At a Speed of Life!

Yunivarsiitiin Bulee Horaa barattoota marsaa 2ffaan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan simachuu eegale

Finfinnee, Mudde 15, 2015 (FBC) – Barattoonni marsaa 2ffaan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoraman Yunivarsiitii seenuu eegaluu ibsameera.

Haaluma kanaan Yunivarsiitiin Bulee Horaa barattoota marsaa 2ffaan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan simachuu eegaleera.

Barattoonni sababoota garaagaraan qormaata marsaa jalqabaa hin fudhanni qormaata marsaa 2ffaa fudhachuuf qophiin xumuramee yunivarsiitichi har’a simannaa eegaleera.

Yunivarsiitiin Bulee Horaa Barattoota godinaalee Gujii lamaanii fi bulchiinsa magaalaa Negelleerraa walitti dhufan kumni 4 fi 700 har’a simatamuu eegalera jedhame.

Barattoonni marsaa 2ffaa kanaan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoraman Muddee15 -16, Yunivarsiitiiwwan itti ramadaman seenuun Muddee 17, 2015 Orenteeshiniin laatamee Muddee 18- 21, 2015tti qormaanni kan kennamu ta’uu himameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.