Yoo waltaanee hojjenne Itiyoophiyaa badhaate ilmaan keenya akka dhaalchifnu shakkii hin qabu-Dooktar Abiy
Finfinnee, Waxabajjii 22, 2016 (FBC) – Yoo waltaanee hojjenne Itiyoophiyaa badhaate ilmaan keenya akka dhaalchifnu shakkii hin qabu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad
Dooktar Abiy Ahimad hojiilee Misoomaa Magaalaa Dassee fi naannawashee daawwataniiru.
Jiraattota Magaalaa Dassee keessaa walitti baba’an waliin mari’achuu toora miidiya hawaasumma isaaniin ibsaniiru.
marii isaaniin, bakka hundatti hojiiwwan gaggaarii hedduun hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru jedhan.
Dooktar Abiy yoo waltaanee hojjenne Itiyoophiyaa badhaate ilmaan keenya akka dhaalchifnu shakkii hin qabus jedhaniiru.