Fana: At a Speed of Life!

Yoo waltaane naannawaa cimaa uumuu dandeenya-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2017 (FBC)- Yoo waltaanee fi waltumsine, waloon misoomuun naannawaa cimaa uumuu dandeenya jedhan Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Hammattoon waliigaltee walta’iinsaa Laga Naayil har’arraa gara raawwiitti seenuun ibsameera.

Gara raawwiitti seenuu hammattoo kanaa ilaalchisuun Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, waliigalteen Walta’iinsaa Laga Naayil gara raawwiitti seenuun imalli dheeraan Bishaan Abbayyaa karaa haqa qabeessaa fi sababa qabeessaan fayyadamuuf taasifame xumura kan argate ta’uu himan.

Guyyaan kun biyya keenyaf guyyaa seenaa qabeessa kan jedhan Dooktar Abiy, walta’insa dhugaa cimsuuf tattaaffii waloon taasifnuuf bu’uura ta’uu kaasaniiru.

Hammattoon waliigaltee gara raawwiitti seenuun walta’iinsa biyyoota Lagaa Naayil fayyadamanii cimsuu caalaa, laga qabeenyaa waloo ta’e kana hundaaf faayidaarra akka oolu taasisa jedhaniiru.

Hammattoon kun akka milkaa’uuf qaamolee tumsaan hunda galateeffataanii, qaamoleen waliigalticha hinmalltteessines akka mallatteessan waamicha dhiyeessaniiru.

“Yoo waltaanee fi waltumsine hundi keenya waloon misoomuun naannawaa cimaa uumuu dandeenya” jechuun hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.