Yeroon galmee kaadhimamtootaa marsaa 2ffaa dheerate
Finfinnee, Gurraandhala 26, 2013 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa yeroon galmee Kaadhimamtootaa marsaa 2ffaa hanga Gurraanndhala 30, 2013tti dheerachuu beeksiise.
Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa adeemsa galmee kaadhimamtootaa ilaalchisee paartilee Siyaasaa waliin marii taasiisa tureera.
Naannolee fi bulchiinsi magaalotaa marsaa duraan galmee kaadhimamtootaa eegalan:- Magaalaa Finfinnee, Oromiyaa, Magaalaa Dirree Dawaa, Hararii, Gaambeellaa fi Beenishaanguul Guumuuz yoo ta’an, yeroon laatameef guyyaa kaleessaa xumurameera jedhame.
Naannolee fi iddooleen marsaa 2ffaan galmee kaadhimamtootaa eegalan:- Naannoon Amaaraa, Soomaalee, Afaar,Wallagga Bahaa fi Lixaa, Naannoo Kibbaa fi Sidaamaa yoo ta’an, yeroon laatameef guyyaa har’aa xummurama jedhameera.
Yaa ta’uutii haala jiru tilmaama keessa galchuu fi iyyannoo dhiyaaterraa ka’uun guyyaan galmee kaadhimamtootaa marsaa 2ffaa hanga Gudhaandhala 30, 2013tti akka dheeratu murtaa’uu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa beeksiseera.
Paartileen guyyaa dabalataa laatame keessatti kaadhimamtoota isaanii galmeessanii akka xummuran boordichi yaadachiiseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.