Fana: At a Speed of Life!

Yeroo yaraa kanatti Mootummaa Kibba Itiyoophiyaa waliin ni dhaabbanna-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 16, 2016 (FBC)- Yeroo yaraa kanatti gama hundaan Mootummaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa waliin kan dhaabbatan ta’u Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan Mirkaneessan.

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin balaa sigiga lafaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Goofaa Aanaa Gazee Goofatti mudateen lubbuun namoota darbuu isaatti gadda guddaa itti dhagahame ibsaniiru.

Qaamolee balichaan miseensa hawaasaa, maatiif i hiriyoota isaanii dhaban akkasumas, ummataa fi mootummaa naannichaaf jajjabina hawwaniiru.

“Yeroo yaraa kanatti gama dandeenyu hundaan isin waliin kan dhaabbannu ta’uu mirkaneessuun barbaada” jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.