Fana: At a Speed of Life!

“Yeroo qormaanni heddummaatetti rakkoolee jiran darbuuf waliin dhaabbachuu qabna”-Obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Adoolessa 4, 2014 (FBC) – Dhaabbileen Diimookiraasii yeroo qormaanni heddummaatetti rakkoolee biyyattii qoran ce’uuf waliin dhaabbachuun barbaachisaadha jedhan Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caaffoo.

Walga’iin waggaa dhaabbilee diimokirasii itti waamamatoota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jira.

Walga’icharratti haasawaa kan taasisan Afyaa’ichi, dhaabbilee dhaloottatti darban ijaaruun yeroo ammaa rakkoolee biyyattii mudatan furuuf walta’uu qabna jedhaniiru.

Rakkoolee naannawaa garaagaraatti mudataa jiran keessa ba’uun biyya lammiileef mijattuu uumuuf, Ityoophiyaanonni waliin dhaabbachuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Waggoota muraasaa as gochaalee duudhaa fi aadaa Ityoophiyaarraa fagaatan lammiileerratti mudataacha jiraachuu eeruun, qormaatilee kanneenii fi kan biroo ce’uuf waloon hojjechuu barbaachisaas jedhaniiru.

Nageenyi lammiilee mirkanaa’uun murteessadha kan jedhan Afyaa’ichi, dhaabbileen diimokiraasii caalaatti bu’a qabeessa akka ta’aniif hojiilee isaanii humna namaan, hojmaataa fi teeknooloojiin ammayeessuu qabu ibsan.

Waltajjichaan dhaabbileen diimokiraasii hundu raawwii karoora bara bajataa darbeerratti akka mari’atan ragaan mana mirchaarraa argame ni mul’isa jedhameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.