Fana: At a Speed of Life!

Yeroo hinmurtoofneef meeshaalee sharafaan alaa galaanirratti uggurri taasifame fooyyeffame

Finfinnee, Sadaasa 9, 2015(FBC)- Yeroo hinmurtoofneef meeshaalee alaa galaan kan sharafni hineeyyamamneefirratti fooyyessi taasifamuu Ministeerri Maallaqaa beeksise.

Kanaan dura meeshaalee alaa galfaman kan sharafni alaa hineeyyamamneef eeramaan kan hinilaallanneen ta’uu ministeerichi xalayaa Baankiin Biyyaalessaa Ityoophiyaa fi Koomishinii Gumurukaaf barreesseen beeksiseera.

Haaluma kanaan:-

1. Meeshaaleen alaa galan kanneen lakkoofsa taarifaa 9400. 9000 fi 9403. 9000 jalatti ramadaman, galteewwan oomishaa;

2. oomishaalee fi tajaajilootaa sharafaa alaatiin gurguraman kan qaban restoraantotaa fi supper maarkeetota sharafa ofii isaaniin alaa fichisiisan;

3. Hoteellonni abbaa urjii sharafa alaa ofii isaaniin meeshaleen fichiisaan;

4. Suuqiiwwan qaraxaan ala, meeshaalee fichisiisan;
uggurri sharafa ala kan hinilaallanneen ta’uu ibsameera.

Meeshaaleen 38 yeroo hinmurtoofneef sharafni alaa kan hineeyyamamneef ta’uu Onkololeessa 2015 mootummaan ifoomsuun ni yaadatama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.