Fana: At a Speed of Life!

Yeroo ammaa oomisha caalaa rakkoon loojastiksii daraan hammachaa dhufeera – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2014 (FBC) – Muummeen Ministira FDRI Abiy Ahimad ibsa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf laataniin yoo Loojastiksiin hin jiraanne haalli waliigalaa rakkoo keessa waan galuuf xiyyeeffannoo guddaan irratti hojjechuu barbaada jedhaniiru.

Yeroo ammaa sababa rakkoo walitti hidhamiinsa gabaan gatiin oomishaalee iddoo iddootti garaagarummaa guddaa qaba.

Rakkoo gama boba’aan jiru furuuf mootummaan deeggarsa olaanaa taasiisaa tureera jedhan.

Aalseerummaa gama boba’aan jirurratti tarkaanfii cimaan fudhatamuu akka qabus ibsichaa akeekkachiisaniiru.

Keessattuu boba’aa biyya keessaa karaa seeraan alaa alatti ba’urratti tarkaanfii cimaan fudhatamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Oomisha nyaatarratti xiyyeeffannoon yoo hojjetame qormaata yeroo ammaa nu quunname keessaa salphaatti ba’uu dandeenya jedhan.

Dhiibbaa liqaa qabnu hir’isuuf xiyyeefannoo olaanaan hojii hojjetameen bu’aa gaariin argameera.

Haalli yeroo ammaa dameen qonnaa ittiin hogganame bu’aa gaariin argamsiiseeras jedhaniiru.

Yeroo ammaa oomishaa caalaa rakkoon loojastiksii daraan hammachaa dhufeera.

Akka fakkeenyatti oomisha Simintoo Jiibuutii gara biyyaa galchuuf qormaanni jiru yaaddeessaadha.

Yoo Loojastiksiin hin jiraanne haalli waliigalaa rakkoo keessa waan galuuf xiyyeeffannoo guddaan irratti hojjechuu barbaada jedhan Muummeen Ministira FDRI Abiy Ahimad ibsa laataniin.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.