Fana: At a Speed of Life!

Yeroo ammaa daballiin gatii taasifamaa jiru sababa bu’uuraa kan hinqabneedha-TKM

Finfinnee, Hagayya 4, 2016 (FBC)-Fooyyessii diinagdee gooroo taasifame hordofee yeroo ammaa daballiin gatii taasifamaa jiru sababa bu’uuraa kan hinqabne ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Ministirri Tajaajilichaa Dooktar Laggasaa Tulluun haalaa yeroorratti ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Ibsa isaaniin diinagdeen Itiyoophiyaa qormaatilee mudatan dandamachuun guddina galmeessuu eeraniiru.

Diinagdee Itiyoophiyaa guddina waaraa akka galmeessuu fi ijaarsa diinagdee mandhalee cimsuuf dhiyeenya fooyyessiin diinagdee gooroo taasifamuu yaadachiisaniiru.

Fooyyessichis guddina galamaa’aa dhufee kan bu’uuressuu, ce’umsaa diinagdee waaraa ni mirkaneessaan kan amanamuudhas jedhaniiru.

Fooyyessichi guyyaa hojiirra oolerraa eegalee, damee hundaan ogeeyyiin dhimmichi ilaallatu hojii hubannoo uumuu gaggeessaa jiraachuu kaasuun, akkaataa karoorfameen bu’aa qabeessummaan hojiirra oolaa jiraa dubbataniiru.

Faalla kanaan erga fooyyessichi taasifamee sochiin seeraa alummaa fi fedhii qaxxaamuraan badhaadhuu calaqqisaa jiruun daballii gatii taasisuu fi omisha dhoksuun mul’achuu ibsaniiru.

Kanaaf yeroo ammaa daballiin gatii taasifamaa jiru sababa bu’uuraa kan hinqabnee ta’uu dubbataniiru.

Fooyyessichi sirna diinagdee idileen alaa gara idileetti kan jijjiire ta’uu kaasaniiru.

Bu’uuruma kanaan mootummaan hojii to’annoo fi hordoffii taasisuu cimee kan itti fufu ta’uu eeranii, gochaalee jeequmsaa gabaa uumuuf mumul’ataan hawaasni, qaamoleen sadarkaan jiran hunduu ittisuu fi irratti qabsaa’uu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.