Fana: At a Speed of Life!

Yakkoota Taaksiii to’achuu fi waliin dhahuu ittisuuf hojjetameen Birriin Biiliyoona 4 ol saamicharraa baraarramuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 9, 2013 (FBC) – Komishiniin Poolisii Federaalaa Riifoormiidhaan booda gurmaa’iinsa keessoo isaa fooyyessuun ji’oota 8n darbanitti hojii gaarii hojjachuu beeksiise.
Kontiroobaandii to’achuuf hojii hojjatameen qabeenya biyyaa Birrii Biiliyoona 1 fi miiliyoona dhibba 7tti tilmaamamu to’achuun danda’amuu Itti aanaan Komiishinaraa Komiishinii Poolisii Federaalaa Malaakuu Fantaan ibsaniiru.
Yakkoota Taaksiii to’achuu fi waliin dhahuu hojii daldalaa keessatti muul’atu to’achuuf hojii qindoominaan hojjatameen Birriin Biiliyoona 4 ol saamicharraa baraaruun danda’amuu Komiishinar Malaakuun himaniru.
Filannoon Biyyaalessaa marsaa 6ffaan karaa nagaan akka gaggeeffamu qophii barbaachisu taasiifamuu himaniiru.
Komishinichi ibsa miidiyaaleef laateen sagantaa Boordiin filannoo raawwii filannoof baase hojiirra oolchuuf qophii taasiiisuu dubbataniiru.
Filannoon kun Naannoo Tigraayiin alatti guutuu biyyaattiitti buufataalee filannoo kuma 55 fi 260 Boordiin Filannoo qopheesserrratti galmeen filattootaa karaa nagaan akka raawwatamuuf humni poolisii ga’aan qophaa’uu Itti aanaan Komiishinaraa Komiishinii Poolisii Federaalaa Malaakuu Fantaa ibsaniiru.
Xibabasillaasee Janbaruutu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.