Fana: At a Speed of Life!

Yakkoota rawwataman kan adda baasu gareen qorannoo hundaa’e qorannoo isaa akka gaggeessu ibsame

Finfinnee,Waxabajjii 27,2012 (FBC) – Ajjeechaa Artiisti Haacaaluu hundeessaan walqabatee naannoo Oromiyaa bakkeewwan garagaraatti hokkara ka’een, yakkoota rawwataman kan adda baasu gareen qorannoo hundaa’e qorannoo isaa akka gaggeessu ibsame.

 

Abbaa Alangaa waliigalaa Federaalatti Daayrektoreettin Yakkoota Qindaa’ee fi Daangaa Ce’uu akka ibseetti, yakkoota adda baasuu fi qorachuuf Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa, Komishinii Poolisii Naannoo Oromiyaa fi Abbaa Alangaa naannichaa waliin ta’uun qorannicha akka gaggeessaan gareen qorannoo hundaa’eera.

 

Dhaabbileen miidiyaa ummataa fi ummata, sabaa fi saba, amantaa fi amataa walitti buusuuf hojjetanirratti qorannoon eegaluu himameera.

 

Yakka akka kanaan kan shakkaman buufataleen miidiyaa Asraat, Dimts wayyaanee fi OMN tarkaanfii bulchiinsa fudhatameen dabalatan buufataleen kun yakkaan akka himataman himaniiru.

 

 Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.