Yakkoota magaalattiitti raawwataman dhaabuuf hojiileen gaggeeffaman cimanii itti fufu jedhame
Finfinnee, Mudde 8, 2016 (FBC)- Yakkoota magaalattiitti raawwataman dhaabuuf hojiileen gaggeeffaman cimanii kan itti fufan ta’uu ibsame.
Qondaaltonni Olaanoo Poolis Federaalaa fi Magaalaa Finfinnee haala nageenyaa Magaalaa Finfinneerratti mari’ataniiru.
Marichaanis oppireeshinii gaggeeffameen yakka nama ugguruu, meeshalee waraanaa seeraan alaa daddabarsuu fi saamicha olaanaa shakkamtoota raawwatan to’annoo jala oolchuun qorannoo gaggeeffamaa jiraachuun eerameera.
Dabalataan doqdoqqeen, baajaajii fa’aa fayyadamuun yakka ajjeechaa, hanna bilbila moobaayilaa fi kanneen biroo shakkamtoota raawwatan irratti hojiin qorannoo gaggeessuu itti fufuun himameera.
Suuqiiwwan daldalaa seeraan alaa, manneen dhiichisaa fi araada garaagaraa akka samsaman tarkaanfiin fudhatamuu eerameera.
Yakkoota akkanaa sadarkaa nageeya hawaasaaf yaaddoo hintaanerraan ga’uuf walitti fufiinsaan oppireeshinii gaggeessuun cimee kan itti fufu ta’uun eerameera.
Bu’aan oppireeshinii gaggeeffamuu yeroo yeroon ummataaf kan ifoomu ta’uun ibsamuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.
Itti fayyadama taaksii raayidii, doqdoqqeewwanii fi baajaajiiwwanii sirna qabsiisuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu biroo waliin kan hojjetamu ta’uu fi kanneen yakka keessatti hirmaatan tarkaanfiin seeraa kan irratti fudhatamu ta’uun ibsameera.
Oppireeshiniiwwan fuulduratti gaggeeffamaniif jiraattonni Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee odeeffannoo kennuun deeggarsa baratame taasisuu akka itti fufan waamichi dhiyaateera.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.