Fana: At a Speed of Life!

Yakkoota garee shororkeessaa ABUT raawwatamaan qorachuu eegalu Ministeerri Haqaa beeksise

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC)-Kutaa Kaabaa Ityoophiyaatti baatii Waxabajjii bara 2013 irraa eegale yakkoota gareen shororkeessaa ABUT raawwatamuu qorachuu eegaluu Ministeerri Haqaa beeksiseera.

Ministeerichi Komishinii Poolisii Federaalaa, Poolisii naannolee fi biiroolee haqaa naannolee akkasumas qaamolee deeggartootaa kan itti hirmaataan garee hundeessuun hojii qorannoo akka jalqabaan taasiseera.

Gareen qorannoo kun iddoolee kanaan duraa garee ABUT’tiin weeraramanii turanii fi yeroo ammaa raayyaa ittisaa fi qaamole nageenyaan bilisoomaaniitti yakkoota garichi lammiilee nagaa irratti raawwate, qabeenya barbadeessee fi dhimmoota biroo horduuf hojii qorannoo gaggeessaa jiraachuu ibseera.

Haaluma kanaan ministeerichi qorannicha gaggeessuuf naannoo Afaaritti garee tokkoo kan garee xixiqqaa lama of jalatti qabatu kan bobbasee yoo ta’uu naannoo Amaaraa Shawaa Roobiit dabalatee aanaaleee godina Shawaa kaabaa 10, Kibbaa Walloo 8, Godina Saba Oromoo, Dassee fi Kombolchaa , aanalee kaabaa Walloo jalatti argamaan uwwisuun qorannoo gaggeessuurratti argama.

Akkasumasa guyyaa har’a magaaloota Waagmuraa fi Waldiyaatti gareen yakkicha qoratuu bobbaafameera.

Qorannoon iddoolee hundaatti gaggeeffamuu qorannoo yakka sadarkaa idil addunyaa guutuu akka ta’uuf ogeeyyiin qorannoo seeraa yakkaarratti bekumsaa muuxannoo yeroo dheeraa qaban hirmaachisuun cheeklistii qopheeffachuun hojiitti galeera.

Qorannoon gaggeeffamuu qulqullinaa fi qajeeltoo eeggateen akka gaggeeffamuu taasisuurra darbee hirmaattoota yakkichaa seeraa fi sirnaan mana murtii idil addunyaaf  mamii malee akka laataniif gargaaraa jedhame.

Haaluma kanaan korichi gareen shororkeessaa ABUT yakka ajjechaa, hir’ina qaamaa, buqqa’uu lammiilee, hambaalee barbadeessuu, bu’uraalee misoomaa, qabeenyaa mootummaa fi dhuunfaa barbadeessuu isaa cheekliistiin durfamaa hojii qorannoo gaggeessuurratti argama.

Haaluma wal fakkatuun dursummaa garee ABUT waliin qaamolee gochaan, tumsaan, kaka’umsaan yookaan waan humni isaanii dandeessiseen yakkichaarratti hirmaataan haala adda baasuun danda’aamuun gadi fageenyaan yeroo gabaabaa keessaatti qorannicha xumuruuf tattaaffii kan taasisuu ta’uu Ministeerichi ibseera.

Hojii qorannichaan cinaatti raayyaan ittisaa fi poolisiin federaalaa shakkamtoota to’annoo jala oolchuu fi yakkamtoota haaqaf haala dhiyeessuu uumuuf hojiin ni hojjetamaa.

Humni qindoomaa mirga namooma haaluma garichi yaada dhiyeesseen naannoo Tigraay keessaatti yakkoota raawwataman qorachuuf qophii ga’aan taasifamaa kan jiru yoo ta’uu, yeroo amma haala qabatamaa naannichaa giddugaleessaa godhachuun adeemsi qorannoo haala kamiin akka durfamuu fi itti fufuunsaan kan gamaaggamuu ta’uu himameera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.