Fana: At a Speed of Life!

Yakkamaan haala Suukaneessaan Haadha isaa ajjeesse adabbiin du’aa itti murtaa’e

Finfinnee, Caamsaa 23, 2016 (FBC) – Manni Murtii Olaanaa Magaalaa Adaamaa Yakkamaa haala suukaneessaan Haadha isaa ajjeesuun himatame adabbii du’aa itti murteesseera.
Himatamaan dargaggeessi umrii waggaa 28 Fiqiruu Ashannaafii jedhamu Yakka Ajjeechaa suukaneessaa Haadha isaa irratti Bitootessa 21, 2016 kutaa magaalaa Boolee Aanaa Dhakaa Adiitti raawwachuun himatame ragaan mana yaalaa fi namaatiin itti mirkanaa’eera.
Haaluma kanaan Manni Murtii Olaanaa Magaalaa Adaamaa Dhaddacha har’a ooleen Seeraa yakkaa Ajjeechaa cimaa raawwachuun yakkamaa ta’uu mirkaneessera.
Manni murtichaa gulantaa 39 jalatti Adabbii du’aa himatamicha irratti murteesseera.
Abdallaa Amaanii fi Oliyaad Badhaaneetu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.