Yakkaa fi rakkoo nageenyaa ga’uu danda’u ittisuuf dhaabbilee fi qaamoleen dhuunfaa eenyummaa kireeffataa qulqulleeffachuu akka qaban himame
Finfinnee, Adooleessa 11, 2013 (FBC) – Yakkaa fi rakkoo nageenyaa ga’uu danda’u ittisuuf dhaabbilee fi qaamoleen dhuunfaa eenyummaa kireeffataa qulqulleeffachuu akka qaban Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee hubachiise.
Dhaabbilee fi qaamoleen dhuunfaan manaa kireessanii fi tajaajila siree laatan eenyummaa tajaajilamaa fi kireeffataa dursanii qulqulleeffachuu akka qaban komishinichi ibseera.
Magaalaa Finfinneetti namoonni eenyummaan isaanii hin beekkamne siree fi mana jireenyaa kireeffachuun yakkoota garaagaraa raawwachuuf socho’aa jiraachuu qorannoon kan agarsiisu ta’uu ibsameera.
Komishiniin Poolisi magaalaa Finfinnee hawaasaa fi qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechaa ibseera.
Qaamolee yakka raawwachuuf socho’aa jiran kanneeniif haalli mijataan akka hin uumamne taasiisuun murteessaa ta’uu himeera.
Kana milkeessuuf namoonni dhuunfaan mana kireeessan, Hoteeloonni tajaajila siree laatanii fi manneen daldala biroorratti hojjetan namoota eenyummaan isaanii hin beekkamneef tajaajila laacnuu akka hin qabne ibsuu ragaan Komishinii Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.