Fana: At a Speed of Life!

Yakka ugguruu Ittisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira-Poolisii Federaalaa

Finfinnee, Guraandhala 1, 2016 (FBC) – Yakka ugguruu kutaalee biyyattii garaagaraatti raawwatamaa jiru Ittisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Poolisiin Federaalaa beeksise.

Yakka nama ugguruun maallaqa yookaa kaayyoo siyaasaaf raawwatamu ittisuuf qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel turtii Faanaa Biroodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin ibsaniiru.

Yeroo dhiyoo as naannawaa garaagaraatti yakki nama ugguruun maallaqa gaafachuu baramaa dhufuu eeraniiru.

Gochaan kun hawaasa rakkoolee adda addaaf saaxilaa jiraachuu himaniiru.

Gochichi mootummaan kan raawwatamu fakkeessuuf namoota dhuunfaa caasaa nageenyaa keessatti argaman fayyadamuun raawwatamaa jiraachuu qorannoo gaggeeffameen mirkanaa’uu himaniiru.

Caasaalee nageenyaa yakkicha keessatti hirmaatanirratti tarkaanfiin fudhatamuu eeraniiru.
Miniyichil Azzazaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.