Fana: At a Speed of Life!

Yakka gowwoomsaan miidhaa Birrii miiliyoona 14 kan geessisan hidhaa cimaan itti murtaa’e

Finfinnee, Adoolessa 26, 2015 (FBC)- Manni Murti Olaanaa Federaalaa Ramadii Lidataa Dhaddachi Dhimmootaa Yakka Malaanmaltummaa 3ffaan, yakka gowwoomsaan namoota Dhaabbataa Liqii fi Qusannaa Addis jedhamurraan miidhaa Birrii miiliyoona 14 geessisan jedhaman hidhaa cimaan akka adabaman murtoo kenne.

Himatamtoonni hojii dhunfaan kan jiraatan 1ffaa Suraafeel Baqqalaa fi haadha warraa isaanii, 2ffaan Aadde Raakeeb Mangistuu, 3ffaa Qondaalaa Tajaajilaa Maamiltootaa Dhaabbata Liqii fi Qusannaa Addis Waajjira Damee Laaftoo Aanaa 12 Girmaa Giitaa, 4ffaa Hoji Gaggeessaa Dhaabbata Liqii fi Qusannaa Addis Waajjira Damee Laaftoo Aanatti ergamaa kan ture Yidinaqaachoo Zuumaa fa’aa ta’uun eerameera.

Manni murtichaas himatamaa 1ffaa hidhaa cimaa waggaa 5’n, 2ffaa hidhaa cimaa waggaa 3’n akka dabamu kan murteesse yoo ta’u, himatamtoota hafan ammoo hidhaa salphaa waggaa 3 hanga waggaa 1’n akka adabaman murtoo kenneera.

Himatamtoonni kunneen ragaalee sobaa fi wabii sobaatiin liqii dhaabbaticharraa fudhachuu akkasumaa waltumsuun dhaabbaticharraan miidhaa Birrii miiliyoona 14 geessisuun mirkanaa’uun eerameera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.