Yakka gareen shororkeessaa ABUT raawwachaa jiru dhaabsisuuf dhalattoonni Tigraay yeroo kamiyyuu caalaatti socho’ii taasisuu qabu jedhame
Finfinnee, Amajjii 2, 2014 (FBC) – Yakka gareen shororkeessaa ABUT naannoo Tigraayii fi guutuu Ityoophiyaatti raawwachaa jiru ittisuu fi dhaabsisuuf dhalattoonni Tigraay biyya keessaa fi ala jiraatan yeroo kamiyyuu caalaatti harka walqabatanii socho’ii taasisuu akka qaban hogganaan Paartii Diimokiraatawaa Tigraay Dooktar Aregaawii Barihee ibsan.
Turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin uummanni Tigraay ijoollee isaa gara waraanaatti erguu dhiisuun garicha barbadeessuun bilisummaa isaa labsuuf tokkummaan socho’uu qaba jedhaniiru.
Kana gochuuf Ityoophiyaanota biroo waliin qindoomuu fi waldeeggaruu akka qaban kaasaniiru.
Dhalattoonni Tigraay biyyoota alaa jiraatan miidhaa garichaan uummatasaaniirra ga’u hambisuuf bakka jiranitti sagalee akka ta’aniifiif gaafataniiru.
Afawarq Alamuutu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.