Fana: At a Speed of Life!

Yaaliin daddabarsa anniisaa elektirikaa Ityoo- Keeniyaa milkaa’uu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 29,2015 (FBC)- Yaaliin piroojektii daddabarsa anniisaa elektirikaa Ityoo- Keeniyaa guyyaa har’aa milkaa’inaan eegaluu hojii gaggeessaan Saayitii Piroojektichaa obbo Teewoodiroos Ayyaalaw beeksisan.

Piroojektii Sarara daddabarsa anniisaa elektirikaa abbaa vooltii 500 Ityoo-Keeniyaa irratti guyyaa har’aa yaaliin daddabarsa anniisaa ifatti eegaluu ibsaniiru.

Piroojekticharratti hojiin meeshaalee elektiroo mekaanikaalaa garaagaraa dhaabuu akkasumas siiginaala daataa koominikeshinii isaa sakatta’uufi yaalii taasisuu gaggeeffamaa turuu yaadachiisaniiru.

Guyyaa har’aa ammoo yaaliin daddabarsa anniisaa rakkoo tokko malee gaggeeffamuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.