Fana: At a Speed of Life!

Yaalii Ajjeechaan booda fudhatamummaan Doonaald Tiraampi dabalaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 9, 2016 (FBC) –Aggaammii ajjeechaa Peeniisiilveeniiyaa keessatti raawwatameen booda fudhatamummaan Doonaald Tiraampi dabalaa jiraachuu ibsameera.

Tiraampi gurra isaanii madaa’e baandeejiin haguuganii yoo deebi’an simannaan gootaa taasifameefira.

Doonald Tiraamp nama duraan akka malee isaan balaaleffatuufi senaatara Bulchiinsa Ohaahoo ture, JD Vaans kaadhimamaa Itti Aanaa Pireezidaantii gochuun filataniiru.

Namni siyaasaa kun Itti Aanaa Pireezidaantii ta’uun akka dorgoman Tiraampi erga filataniin booda Konveenshiniin Biyyaalessaa Paartii Rippaabilikaan (RNC) ifatti filachuun kaadhimaa ta’ee akka dhiyaatu murteesseera.

Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan sagalee xiqqaa argachaa jiraachuun isaanii Tiraampi irra deebiin gara Masaraa Adii galuu akka danda’u Malay Mail fi BBCn gabaasaniiru.

Abbaan qabeenyaa beekamaan Addunyaa Elan Maski, Tiraamp kaadhimamaa ta’uun akka dhiyaataniif deeggarsa qaban ibsaniiru.

Yaaliin ajjeechaa Pireezidaantii duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp irratti raawwate kun addunyaa mara naasisee ture.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.