Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Yuunvarsiitiiwwan IGAD har’a Yuunvarsiitii Jigjigaatti ni gaggeeffamaa

Finfinnee, Bitootessa 27, 2013 (FBC) – Yaa’iin Yuunvarsiitiwwan Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa har’a Yuunvarsiitii Gigjigaatti ni gaggeeffama jedhame.
Yaa’iichi dhaabbileen barnootaa olaanoo gummaacha guddina biyyaa keessatti qaban irratti kan xiyyeeffate jedhameera.
Dabalataan rakkoolee godaansaa fi buqqaatii lammiilee biyyoota miseensa dhaabbatichaa irratti mariin kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
Yaa’icha barreessaa olaanaan Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa Dooktar Warqinaa Gabayyoo fi itti aanaan Preezdaantii naannoo Soomaalee obbo Musxafee Mahaammad ni banu jedhamee eeggama.
Yaa’icharratti Yuunvarsiitiwwan 20 biyyoota miseensa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa keessaa walitti babba’an kan hirmaatan ta’uu Ejansiin Miidiyaa naannoo Soomaalee gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.