Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Waraana lafarraa biyyoota Afrikaa Baatii Guraandhalaa Ityoophiyaatti ni gaggeeffama

Finfinnee, Muddee 5, 2012 (FBC) – Yaa’iin Waraana lafarraa biyyoota Afrikaa Baatii Guraandhalaa bara Faranjootaa 2020 Ityoophiyaatti ni gaggeeffama.

Yaa’icha Raayyaa Ittisa biyyaa FDRI fI Waraana Ameerikaa Afrikaatu walta’uun qopheessa jedhameera.

Afrikaatti Itti aanaa hogganaan Waraana Ameerikaa Birgaadeer Jeeneeral Laaftee Filooraa qophii yaa’ichaa irratti mari’achuuf daawwaannaa taasisaaniiru.

Haala qophichaa ilaalchisee itti gaafatamtoota Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI waliin marii taasiisaniiru.

Waraanni Ameerikaa Ardii Afrikaatti nageenya itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf haala sochuu Ityoophiyaa fi Gamtaa Afrikaaf deeggaruun danda’u irratti mari’atameera.

Yaa’iin kun guyyoota afuriif kan ggaggeeffamu yoo ta’u, hoggantoonni Waraanaa biyyoota Afrikaa irraa walitti babba’an irratti hirmaatu jedhameera.

Hariiroo loltummaa cimsuun nageenyaa Ardichaa eeguuf kan mari’atamu ta’uu ragaan Afrikaatti Waajjira waraana Ameerikaa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.