Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Waloo Waggaa Manneen Maree Federaalaa fi naannolee boru magaalaa Jimmaatti ni gaggeeffama

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2015 (FBC) – Yaa’iin Waloo Waggaa jalqabaa Manneen Maree Federaalaa fi naannolee boru magaalaa Jimmaatti kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Keessummoonni Yaa’ii Waloo Waggaa Manneen Maree Federaalaa fi naannolee boru gaggeeffamurratti hirmaatan magaalaa Jimmaa galaniiru.

Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoo fi Af Yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar dabalatee hirmaattoonni yaa’ichaa biroo magaalaa Jimmaa galaniiru.

Keessummoonni kunneen wayita magaalaa Jimmaa ga’an Af Yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, hoggantoota mootummaa Godinaa fi magaalaa Jimmaan Buufata Xiyyaaraa Jimmaa Abbaa Jifaaritti simannaan taasiifameefira.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.