Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Waliigalaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa gaggeeffame

Finfinnee, Adoolessa 21, 2016 (FBC)-Yaa’iin Waliigalaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa yeroo jalqabaaf gaggeeffame.

Yaa’icharratti Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurhaamaan, Pireezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Gazaalii Abbaasimal fi Itti Aanaa Pireezidaantii Mootummaa Naanno Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii dabalatee hooggantoonni olaanoo Federaalaafi Naannoo, Abbootiin Gadaafi Haadholiin Siinqee akkasumas keessuummoonni biroon argamaniiru.

Yaa’ii waliigalaa Kanarratti bakka buu’ootni miseensoota Buusaa Gonofaa 600 ol ta’an hirmaachaa jiru.

Hogganaan Buusaa Gonofaa Obbo Mogas Ida’een, namoota balaa uumamaa fi nam-tolcheef saaxilaman furuuf Buusaa Gonofaan, Oromiyaa bira darbee naannoolee biroof abdii tahuu kaasan.

Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Walitti Qabaa Boordii Buusaa Gonofaa Awwaluu Abdii waggoota lamaan darban miseensota miiliyoona 24 ol irraa Birrii Biiliyoona 16 ol walitti qabuun hawaasa rakkoof saaxilame bira gahuu kaasan .

Buusaan Gonofaan labsii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakkoofsa 244/2014 hundaa’uun ni yaadatama.

Olyaad Ahimaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.