Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin walii galaa Abbootii Alangaa Oromiyaa Magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 28, 2014 (FBC) – Yaa’iin walii galaa Abbootii Alangaa Oromiyaa Magaalaa Jimmaa galama Yuunvarsiitii Jimmaatti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi bakka anga’oonni olaanoon mootummaa fedaraalaa fi argamanitti  geggeeffamaa jira.

Yaa’icharraatti Abbootiin Alangaa godinaalee Oromiyaa kan argaman yoo ta’u, barreefamni ‘marii biyyaaleessaa muuxannoo biyyoottan biroo’ jedhu dhiyaateera.

Barreffamichaan marii biyyaaleessaa, rakkoo malee geggeessuun haala danda’amurratti muuxannoo biyyoottan biro waliin walqabsiisuun hirmaattootaaf dhiyaateera.

Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa, seeraafi sirna haqaa lafa qabachiisuuf, olaantummaa seeraa mirkaneessuuf, seera yakkaa kabachiisuufi dantaa Ummataafi mootummaa kabachiisuuf hundaa’uu Hoggantuun Biiroo Abbaa Alangaa Waligalaa Oromiyaa Aadde Adduunyaa Ahmad waltajjicharratti ibsaniiru.

Yaa’ichi Abbootiin Alangaa gahumsaafi dandeettii isaanii cimsachuun ergama itti kenname bahachuuf akka gargaaru aadde Adduunyaan dubbataniiru.

Kantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Najiib Raayyaafi Bulchaan godina Jimmaa obbo Tijjaanii Naasir, keessummoota maricharratti argamaniif ergaa baga nagaan dhuftanii dabarsaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.