Yaa’iin Waldaa Geejjiba Idil Addunyaa gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Waxabajjii 13, 2015 (FBC) – Yaa’iin Waldaa Geejjibaa Idil Addunyaa dhimma Afrikaarratti xiyyeeffate Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Yaa’ichi mata duree “Humna Damee Aviyeeshinii fayyadamuu” jedhun Hoteela Iskaay Laayititti gaggeeffamaa jiraachuun eerameera.
Yaa’ichi carraallee fi qormaatilee damee Aviyeeshinii Afrikaarratti kan mari’atu ta’uun eerameera.
Daayrektarri Olaanaan Waldaa Geejjiba Idil Addunyaa Wilii Waalish, Hojii Raawwachiisaan olaanaan Daandii Xiyyaaraa Ityoophiyaa Obbo Masfin Xaasawu, Ministir Deetaa Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dhengee Boruu, hojii raawwachiistoota olaanoo Daandii Xiyyaaraa Afrikaa, hoggansa damee Aviyeeshinii fi murtee kennitoota, oomishtoota Xiyyaaraa, Waldaalee Daandii Xiyyaaraa idil addunyaa fi naannawaa, dhaabbilee mootummaa damichaafi qaamolee dhimmamtoota yaa’icharratti argamaniiru jedhame.
Nageenya damee Aviyeeshinii Afrikaa foyyeessuu, hammattoo seeraa bu’aa qabeessaa ta’an qopheessuun walitti hidhamiinsa daandii xiyyaaraa cimsuu, kenninsa gabaa ammayyaa daandii xiyyaaraa, misooma bu’uuraafi ijaarsa dandeetti, humna namaa leenji’e horachuufi hojiilee damicharratti hojjetamaa jiran irratti kan mari’atamu ta’uun eerameera.
Yaa’ichi hanga guyyaa boruutti kan itti fufu ta’uu TOI gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.