Yaa’iin Waldaa Federeeshinii Daddabarsistoota Fe’umsaa Idil Addunyaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegalee
Finfinnee, Adoolessa 22, 2015 (FBC) – Yaa’iin Waldaa Federeeshinii Daddabarsistoota Fe’umsaa Idil Addunyaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.
Yaa’ichi Finfinneetti gaggeeffamuun Ityophiyaan damichaan hojii jajjabeessaa hojjechuu ishee argisiiftuu ta’uu Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen ibsaniiru.
Daddabarsi Fe’umsaa galteewwan Diinagdee fiShaqaxaalee. gabaaf dhiyeessuuf faayidaa olaanaa qabaachuu kaasaniiru.
Waldichi guyyaan hundeeffama isaa waggaa 100ffaan bara Faranjootaa 2026 Ityoophiyaan akka qopheessitu gaaffii dhiyeessuu eeraniuru.
Ityoophiyaan damichaan hojiilee jajjabeessaa hojjechuu Daayrektarri olaanaan Waldaa Federeeshinii Daddabarsistoota Fe’umsa Idil Addunyaa Dooktar Isteefan Giraabar eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.