Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Waggaa Gamtaa Afrikaa boru walga’ii hojii raawwachiistotaan ni eegala

Finfinnee, Guraandhala 7, 2015(FBC)- Yaa’iin Waggaa Gamtaa Afrikaa 36ffaan guyyaa boruu walga’ii hojii raawwachiistotaan kan eegalu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam ibsa har’a laataniin, Jilli Ittaanaa Muummee Ministiraafi Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniniin durfamu Ityoophiyaa bakka bu’uun walga’icharratti kan hirmaatu ta’uu dubbataniiru.

Walga’icharratti jilli garee biyyoota 51 irraa walitti babba’e kan hirmaatu ta’uu eeraniiru.

Walga’ii hojii raawwachiistotaa 42ffaa guyyaa boruu eegalu dursee sadarkaa ergamtoota dhaabbiin mariin eegaluu kaasaniiru.

Habtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.