Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Qulqulluu Siinoodoosii gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Caamsaa 21, 2016 (FBC) – Mana Amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Waloomaatti Yaa’iin Qulqulluu Siinoodoosii gaggeeffamuu eegaleera.
Rakkoolee yeroo garaagaraatti mana amantichaa mudatu marii, ogummaa fi seeraan hiikuun murteessaa ta’uu Paatiriyaarikiin Mana Amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Waloomaa eebbifamoo Abunee Maatiyaas ibsaniiru.
Rakkoo waloof furmaata waloo kennuuf nageenya giddugaleeffachuun seeraa fi sirna hordofuun marii taasiisuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Yaa’ichi rakkoolee jiran haala furuun danda’amuu fi dhimmoota adda addaarratti mari’achuun murtoo biyyaa fi ummata fayyadu ni dabarsaan kan eegamu ta’uu TOI gabaaseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.