Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin qorannoo fi qo’annoo biyyoolessaa gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Caamsaa 16, 2013 (FBC)- Yaa’iin qorannoo fi qo’annoo biyyoolessaa 7ffaan Yuunvaarsiitii Madda Walaabuutti gaggeeffamuu eegaleera.

Yaa’ichi mata duree ”qarannoon misooma waaraa Ityoophiyaatti” jedhuun kan gaggeeffamaa jiru.

Yaa’icharratti bu’aan qorannoo 20 dhiyaateerratti mariin  ni taasifamaan eegama.

Kaayyoon yaa’ichaas qo’annoo fi qorannoo rakkoo furan taasisuun misooma biyyatti yeroo itti aanuutti mirkaneessuu akka danda’amuu ibsameera.

Guyyoota lamaaf kan turu yaa’ichi qorattoonni dhaabbileen barnoota olaanoo, qorannoo fi qo’annoo adda addaarra walitti babba’aani fi qaamoleen isaan ilaallatuu akkasumas abbootiin gadaa fi jaarsoliin biyyaa hirmaachuu TOI gabaaseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.