Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Paartii Badhaadhinaa boruu gaggeeffamuun murtoowwan badhaadhinaa hunda galeessaa Ityoophiyaa mirkaneessaan kan itti darbu ta’u ibsame

Finfinnee, Bitootessa 1, 2014 (FBC) – Paartii Badhaadhinaa Yaa’ii guyyaa boruu eegalee gaggeeffassuun murtoowwan Badhaadhinaa hunda galeessaa Ityoophiyaa mirkaneessaan kan itti darbarsuu  ta’u beeksiseera.

Yaa’ichaa ilaalchisee itti gaafatamaan damee hariiroo idil addunyaa paartichaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan ibsa laataniiru.

Paartiin badhaadhinaa yaa’ii jalqabaa gaggeessuun injifannoowwan waggoota sadeen darban hunda kan itti gamaaggamuu ta’uu ibsaniiru.

Rakkoolee fi haqinoota muudataan gadi fageenyaan gamaaggamuun muurtoo seenaa ni qabeessaa ni dabarsaas jedhan.

Yaa’ichi haala nageenyaa, diinagdee fi ijaarsa mootummaa biyyarratti xiyyeefachuu kan mari’atuu ta’u ibsaniiruu.

Kanaanis murtoowwan badhaadhinaa hunda galeessaa lammiilee fiduu danda’aan ni dabarsaa jedhan.

Paartiin badhaadhinaa guyyaa boruu sa’aatii 8 irraa eegalee yaa’ii 1ffaasaa gaggeessuu kan eegaluu ta’uu himaniiru.

Yaa’icharratti miseensoonni sagalee qaban kumni 1 fi 600 kan hirmaataa yoo ta’uu, kutaaleen hawaasa garaagaraa keessummoonni biyya alaarra affeerrafamaan kan sagalee hin qabne 400 yaa’icharratti ni hirmaatuu jedhaniiru.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.