Yaa’iin misooma qabeenya humna dureewwan Afrika gaggeeffamuu eegale
Finfinnee, Adoolessa 18, 2015 (FBC)- Yaa’iin misooma qabeenya humna dureewwan Afrika gaggeeffamuu eegaleera.
Yaa’ichi har’arraa eegalee Taanzaaniyaa Daaresalaamitti gaggeeffamuu eegaleera.
Yaa’ichi mata duree “Guddina diinagdee Afrikaa saffisiisuun, dargaggoota barnootaa fi hubannoon ga’oomsuun oomishtummaa isaanii guddisuu” jedhuun gaggeeffama.
Yaa’icharratti Jilli Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniniin durfamuu hirmaachaa jira.
Yaa’ichi dureewwan biyyoota Afrikaa dabalatee hirmaattoonni kuma 1 fi 200 biyyootaa garaagaraa 30rraa baba’an hirmaachaa jiru.
Dhimmoota misooma qabeenya humna namaa guddina diinagdee keessattii fi invastimantiiwwan faayidaa qaban kanneen lammiilee bu’uureffatan ilaalchisee ni mari’atama jedhameera.
Muuxannoowwan hojiilee misooma humna namaa biyyoota Afrikaa akka dhiyaatuu fi damichaan yaadamoota haaraa irratti marii bal’aan akka gaggeeffamu TOI gabaaseera.
Yaa’ichi hanga boruutti itti fufee kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.