Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Ministiroota Raayyaa Ittisaa Afrikaa Onkololeessa 5, 2017 eegalee Finfinneetti ni taa’aama

Finfinnee, Fulbaana 30, 2017 (FBC) – Yaa’iin Ministiroota Raayyaa Ittisaa Afrikaa Onkololeessa 5 – 7,2017tti Magaalaa Finfinneetti kan taa’aamu ta’uu Ministeerri Raayyaa Ittisaa beeksise.

Yaa’ichi mata duree ‘Afrikaa, Tokkummaa cimaadhaan, Nageenyaa fi tasgabbii hundagaleessaaf’ jedhuun kan gaggeeffamu ta’uu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Injinar Ayishaa Mahaammad ibsaniiru.

Yaa’ichi qajeeltoowwan nageenyaa fi tumsa waraanaa biyyoota Afrikaa gidduu jiru dhimmoota caalmaatti cimsanirratti kan mari’atu ta’uu ibsaniiru.

Shororkeessummaa fi dhimmoota sodaa nageenyaa ta’an waloon qolachuuf, akkasumas muuxannoo Indaastirii damee Raayyaa ittisaan jiru walii qooduuf waltajjii taa’amu ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.