Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Ministiroota Pilaanii, Misooma Diinagdee fi Faayinaansii Komishinii Diinagdee Afrikaa taa’amuu eegale

Finfinnee, Bitootessa 8, 2017 (FMC) – Yaa’iin Ministiroota Pilaanii, Misooma Diinagdee fi Faayinaansii Komishinii Diinagdee Afrikaa Mootummoota Gamtoomanii Finfinneetti taa’amuu eegale.

Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee, Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahimmuud Alii Yuusuuf, Barreessaa Olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa Mootummoota Gamtoomanii Kilaaviir Gaateetee, Barreessaa Olaanaa Daldala Bilisaa Naannawaa Afrikaa Waamkeelee Meenee, Ministiroonni, Dhaabbilee idil addunyaa fi Ardii yaa’icharratti argamaniiru.

Adeemsa raawwii hojiirra oolmaa Daldala Bilisaa Naannawaa Afrikaarratti mari’achuun kallattii yeroo itti aanu kaa’uun ajandaa yaa’ichaa olaanaa ta’uutu himame.

Yaa’iin sadarkaa Ogeeyyii Bitootessa 3 -5, 2017 taa’amuun kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.