Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Ministiroota Faayinaansii, Misoomaa fi Karooraa Komiishinichaa sadarkaa ogeeyyiitti taa’amaa jira

Finfinnee, bitootessa 3, 2017(FMC) – Yaa’iin Ministiroota Faayinaansii, Misoomaa fi Karooraa Komiishinichaa sadarkaa ogeeyyiitti Finfinneetti taa’amuu eegale.

Yaa’ichi sadarkaa Ministirootaattii Bitootessa 8/2017 irraa akka eegalamu beekameera.

Yaa’ii sadarkaa ogeeyyiitti taa’amaa jiru irratti Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samariitaa Sawaasawu, Mootummooota Gamtoomanitti Ittaanaan Barreessaa Olaanaa Komiishinii Dinagdee Afrikaa Antooniyoo Peediroo, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniii, Gamtaan Afirikaa, Hoggantoonni dhaabbilee idil addunyaa fi Afrikaa, akkasumas Ambaasaaddaronni biyyoota adda addaa argamaniiru.

Yaa’ichi “Kallattiiwwan Tarsiimawoo Hojiirra Oolmaa Waliigaltee Naannawaa Daladala Bilisaa Afrikaa” dhaadannoo jedhuun kan geggeeffamaa jiru.

Kana malees wabiin nyaataa Ardichaa fi sirna dijiitaalaa fi haromfama humnaa mareef akka dhiyaatan beekameera.

Yaa’iin sadarkaa ogeeyyiitti eegalame kun hanga Bitootessa 5/ 2017tti akka turus himamuu TOI gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.