Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Ministiroota Eegumsa Naannawaa Afrikaa 19ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 8, 2015 (FBC)- Yaa’iin Ministiroota Eegumsa Naannawaa Afrikaa 19ffaan Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Yaa’iichi mata duree “Rakkoowwan naannawaa Afrikaa furuuf carraawwan fayyadamuun tumsaa ciimsu” jedhuun gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.

Yaa’icharratti Ministir Deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Obbo Sandookaan Dabbabaa, aanga’oota eegumsa naannawaa biyyoota Afrikaa garaagaraa, dhaabbilee Idil Addunyaa fi ogeeyyiin egumsaa naannawaa biroon argamaniiru.

Yaa’ichaan jijjiramni qabeenya qilleensaa dhiibbaa nama irraan gaha jirurratti gabaasni dhiyaachuun kallattii furmaataa irratti kan mari’atamu ta’uu TOI gabaaseera.

Yaa’iichi hanga Hagayyaa 12, 2015’tti kan turu ta’uun eeraameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.