Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Midhaan Dheedhii fi Mi’eessituuwwanii idil addunyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 11, 2016 (FBC) – Yaa’iin Midhaan Dheedhii fi Mi’eessituuwwanii idil addunyaa 12ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi mata duree ‘ Itiyoophiyaa madda amansiisaa fedhii oomisha qonnaa’ jedhuun taa’amaa kan jiru yoo ta’uu Waldaan Ergitoota Midhaan Dheedhii, Zayitaa fi Mi’eessituu Itiyoophiyaa Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa naannawaa waliin kan qopheessan ta’uu eerameera.

Dhaabbileen ergitootaa, Dhiyyeessitoonni Galteewwan Qonnaa, Daddabarsitoonni Gumrukaa fi Dhaabbileen Bittaa Oomishaalee idil addunyaa 400 ol yaa’icharratti hirmaachaa jiraachuu eerameera.

Itiyoophiyaan Oomishaalee qonnaa alatti ergitu keessaa Midhaan dheedhii fi mi’eessituuwwan hangafoota ta’uu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa naannawaa Obbo Gabramasqal Caalaan himuu TOI gabaaseera.

Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.