Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Mana Maree Dhaabbata Sadarkaalee Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 20, 2015(FBC)- Yaa’iin Mana Maree Dhaabbata Sadarkaalee Afrikaa 67ffaan  Finfinnee Ejensii Sadarkaalee Ityoophiyaatti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi mata duree “ Gahee Qulqullinaa Guddina Indaastiriif” jedhuun gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, qaamoleen dhimmamtootaa biyyoota Afrikaa 20 walitti babba’an hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Yaa’ichi guyyoota 4 kan turu ta’uufi dhimmoota haala oomishaalee gara gabaa addunyaatti dhiyeessuun danda’amurratti ni mari’atama jedhameera.

Daawwannaan indaastiriiwwan garaagaraa kan taasifamu ta’uus ibsameera.

Yaa’ichi Ityoophiyaatti gaggeeffamuun isaa ijaarsa maqaa gaarii biyyattiif qooda olaanaa qabaachuufi hariiroo biyyoota ardichaa kan cimsu ta’uu eerameera.

Yaa’icharratti Ministira Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Gabramasqal Caalaa, Ministira Ministeera  Bishaaniifi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa dabalatee hoggantoonni olaanoon birooniifi qooda fudhattoonni hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Saamu’eel Warqaayyahutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.