Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Madaallii Barnootaa Biyyaalessaa jalqabaa gaggeeffamu eegale

Finfinnee, Guraandhala 25, 2016 (FBC)- Yaa’iin Madaallii Barnootaa Biyyaalessaa jalqabaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.

Yaa’iichi mata duree “Sirna kenniinsa qormaataa fi madaallii barnootaa Itiyoophiyaa jijjiiruu, galmoota egeree milkeessuu“ jedhuun gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.

Yaa’iicharratti Ministirri Ministeera Barnoota Pirofeesar Birhaanuu Naggaa, Daayrektarri Olaanaa Tajaajiila Madaallii Barnoota fi Qormaataa Dooktar Isheetuu Kabbadaa, Mana Maree Bakka Bu’oota Ummaatatti Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Misooma Qabeenya Nama, Bobbii Hojii fi Teeknooloojii Dooktar Nagaarii Leenchoo fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.

Bu’aa qabeessummaa barattoota guddisuuf madaalliin barnootaa muuxannoowwan Idil Addunyaa, madaallii barnootaa fi qormaata biyyaaleesaarratti jijjirama fiduuf yaadootaa fi muxannoowwaan jiranirratti kan mari’atamuu ta’uu TOI gabaaseera.

Yaa’iichi guyyoota lamaaf kan turu ta’uunis eeraameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.