Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin jijjiirama qabeenya qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ijibti Shaarmi Al-Sheeyikitti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2015 (FBC)- Jijjiirama qabeeya qilleensaa Afrikaarratti kan xiyyeeffate Yaa’iin Jijjiirama Qabeenyaa Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 27ffaan Ijibti Shaarmi Al-Sheeyikitti gaggeeffamaa jira.

Har’arraa eegalee yaa’iin gaggeeffamu kun biyyoota Afrikaa jijjiirama qabeenya qilleensaan walitti madaqsuu fi humnoota haareffamoo haala fayyadamuun danda’amurratti ni mari’atama jedhamee eegama.

Eejensiin Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, gabaasa baaseen namoonni miiliyoona 116 qixa sirrii galaanaa ol irra akka jiran ibseera.

Bara Faranjootaa 2050’tti biyyoonni Afrikaa dhiibbaawwan jijjiirama qabeenya qilleensaan walqabtan dhaabuuf waggaa waggaan Doolaara biiliyoona 50 baasuu akka qaban Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksiseera.

Yaa’icharratti waliigalaan namoonni kumni 40 ol akka hirmaatan, dureewwan biyyoota 121 akka hirmaatan Afrikaa Niwus gabaaseera.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahmadii fi jilli isaanii yaa’ii kanarratti hirmaachuuf Ijibti, Shaarm Al-Sheeyik galuun isaanii ni yaadatama.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.