Yaa’iin jijjiirama qabeenya Qilleensaa Afrikaa eegalame
Finfinnee, Hagayya 29, 2015 (FBC) – Yaa’iin jijjiirama qabeenya Qilleensaa Ministiroota Afrikaa bara 2023 Keeniyaa Naayiroobiitti eegalameera.
Yaa’ichi mata duree ‘Humna Keenya Guddina keenyaaf ‘ jedhuun kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.
Kaayyoon yaa’ichaa jijjiirama qabeenya Qilleensaa Afrikaan ittisuuf humna Afrikaan qabdu guddisuuf ta’uu eerameera.
Keessattuu sirni faayinaansii jijjiirama qabeenya qilleensaa haqa qabeessa ta’e akka jiraatu mari’achuuf yaa’ii qophaa’e ta’uu ibsameera.
Dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaan Afrikaarra qaqqabaa jiruuf furmaata waaraa barbaadurratti kan mari’atamu ta’uu eerameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.