Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin imaammataa idil addunyaa 9ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Qaammee 1, 2014(FBC)- Yaa’iin imaammataa idil addunyaa 9ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi jijjiirama qabeenya qilleensaa, mirgootaafi itti gaafatamummaa daa’imman Afrikaarratti xiyyeeffachuu ibsameera.

Yaa’ichi Afrikaatti dhiibba qabeenya qilleensaa ittisuufi deebii kennuuf madda maallaqaafi barbaachisummaa imaammata diinagdee mul’isuurratti kaayyeffachuu eerameera.

Yaa’icharratti Ministiroonni biyyoota Afrikaa garaagaraa, hoggantoonni olaanoon Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifi Gamtaa Afrikaa, ogeeyyiin mirgoota daa’immaniifi dhaabbileen waldaalee siiviilii hirmaachuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen haasawaa baniinsaa yaa’icharratti taasisaniin, sababa dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaan mirgi eegumsa, fayyaafi barnoota argachuu daa’imman Afrikaa sarbamuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.