Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin imaammata lafaa Afrikaa Finfinneetti taa’amuufi

Finfinnee, Sadaasa 10, 2016 (FBC) – Yaa’iin imaammata lafa Afrikaa 5ffaan boruu eegalee guyyoota 4’f Finfinneetti gaggeeffama jedhame.

Yaa’iin kun mata duree “bulchiinsa lafaa ittifufiinsa qabu hojiirraa oolmaa daldala bilisaa fi waliigaltee naannawaa Afriikaaf” jedhuun galma walgahii gamtaa Afrikaatti kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.

Yaa’ichi Jiddugaleessa Imaammata lafaa Afrikaa, Komishinii diinagdee Afrikaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, giruuppii baankii misoomaa Afriikaa akkasumas mootummaa Itiyoophiyaatu tumsaan qopheessa jedhame.

Kaayyoon yaa’ichaa ajandaalee Hojiirra Oolmaa Immaalata Lafaa biyyoota Afrikaa ragaan, ogummaa fi beekkumasaan guddisuuf dandeessisanirratti mari’achuu ta’uu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.