Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin idilee Waldaa Dubartootaa magaalaa Finfinnee 7ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Muddee 4, 2013 (FBC) – Fayyadamummaa fi hirmaannaa dubartootaa gama hundaan mirkaneessuuf tokkummaan dubrtootaa cimuu akka qabu itti aantuun kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee ibsan.
Yaa’iin idilee 7ffaa bara hojii 2ffaa mana maree 1ffaa Waldaa Dubartootaa magaalaa Finfinnee gaggeeffamaa jira.
Yaa’ii idilee Waldaa Dubartootaa magaalaa Finfinnee 7ffaa gaggeeffamaa jiru irratti argamuun haasawa kan taasiisan itti aantuun kaantibaa fi walittiqabduun boordii waldaa dubartoota magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee yaa’iin kun wayita humnoota biyya diiguuf socho’aa jiran injifachuun hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuu milkeessinetti ta’uun isaa adda taasiisa jedhan.
Garee finxaaleyyii kanneen injifachuu keessatti gootummaan dubartootaa olaanaa ture jedhan.
Waldichi rakkoo hawaas diinagdee dubartootaa karaa gurmaa’een furuun fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ibsameera.
Raawwiin hojii waldichaa bara 2012 fi karoorri bara 2013 dhiyaate irratti mari’atamaa jiraachuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.